Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Shimallisiin durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Booraa fi Dugdaatti qamadii kilaasteraan misoome daawwate

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Booraa fi Dugdaatti qamadii kilaasteraan misoome daawwateera.

Wabii nyaataa mirkaneessuu fi qamadii biyya alaatii galu hambisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Oomisha qamadii dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Akka Godina Shawaa Bahaatti Qonna gannaan lafa hektaara kuma dhibba 4 fi kuma 39 fi 120 irratti misoomaa jiru keessaas Lafti hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 84 fi 309 kilaasteraan qamadiin misoomaa jira.

Naannoo Oromiyaatti Lafa hektaara miiliyoona 4.5 kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jiru keessaa hanga ammaatti qamadiin lafa hektaara miiliyoona 1.3 kilaasteraan misoomaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.