Fana: At a Speed of Life!

Jilli qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa Indaastirii Uffannaa Adaamaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 19, 2016 (FBC)– Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Dooktar Abirahaam Balaayii fi Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Indaastirii Uffaanaa Adaamaa daawwateera.

Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaatti Indaastiriin Uffannaa Adaamaa, bara 1980 kan hundaa’e yoo ta’u, uffannaalee Raayyaa Ittisaa fi qabannoowwaan hidhannoo qopheessuun muxannoo yeroo dheeraa kan horate ta’uun ibsameera.

Indaastirichi yeroo ammaa uffannaalee Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa, asxaawwan gulantaa fi hidhannoowwan oomishaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyarraa argame ni mul’isa.

Sadarkaa teeknooloojii Indaastirichaa amma irraa ga’ee fi kallattii guddina fuuldureerratti ibsi kan kenname yoo ta’u, adeemsi oomisha indaastirichaas qondaaltotaan daawwatameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.