Fana: At a Speed of Life!

Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaatiin durfamu Paarkii Indaastirii Qindeessaa Qonna Bulbulaa daawwate

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaatiin durfamu Paarkii Indaastirii Qindeessaa Qonna Bulbulaa daawwateera.
Paarkiin Indaastirii Qindeessaa Qonna Bulbulaa Sosochii Diinagdee Oromiyaa Jabeessuuf Paarkota hundeeffaman keessa isa ijoodha.
Paarkiin kun Oomisha Qonnaan Bultootaa qindeessee Sona itti dabaluudhaan gabaa biyya keessaa fi biyya alaaf kan dhiheessu ta’a wayita xumuramutti.
Paarkichi Baajata birrii Biliyoona 2tti siquun ijaaramaa jira.Sheediwwaan 108 of keessatti kan haammatu ta’a.
Sheedonni Sadii baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Ijaaramuun qophaa’aniiru. Sheedonni kunneen Ho’ina qilleessaa madaalawaa tahe kuusuufi Osoo oomishaaleen hin mancaane yeroo dheeraaf tursiisuuf gargaaru.
Yeroo ammaa kana Sadarkaan ijaaraa Paarkii Induustirii Qonna Bulbulaa dhibbeentaa 95 irra gahee jira.
Guyyaa haraas wayita Obbo Addisuu Araggaa daawwatanitti,Inveestoroonni biyya keessaa hedduun argamaniiru.
Abbootiin qabeenyaa FBCtiif yaada qoodanis akka jedhanitti,Carraa mootummaan mijeessetti gargaaramuun Waliin diinagdee naannichaa fi Biyyaa guddifnaa jedhaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneen tokkoon tokkoon isaanii Hanga Sheediiwwan 10 akka ijaaranis dubbataniiru.
Amma Ijaarsi Paarkii Indaastirii Qonnaa Bulbulaa Sadarkaa( Phase) 2ffaa irratti argama.
Tooraawwan Ibsaa fi Daandiiwwan keessa keessaas Xumuramaa jiru.
Manneen Hooggantoonni Sadarkaa giddu galeessaa keessa jiraatanis 288 ijaaramee qophaa’eera.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.