Fana: At a Speed of Life!

Jimmaa Abbaa Jifaar leenjisaa haaraa mallatteessifate

Finfinnee, Adooleessa 17, 2013 (FBC) – Kilabiin Kubbaa Miilaa Jimmaa Abbaa Jifaar Ashannaafii Baqqalaa leenjisaa taasisuun mallatteessiseera.
Bara 2010 sochii olaanaa agarsiseen shaampiyoonaa Priimeya Liigii Ityoophiyaa kan ture Jimmaa Abbaa Jifaar waggoota darban rakkoo Faayinaansii hamaa mudateen qorumsa hedduu keessummeessaa tureera.
Keessumattu bara darbe qorumsa hamaa kan qorame kilabiin kubbaa miilaa Jimmaa Abbaa Jifaar bara dhufu fuula haaraan gara Priimeya Liigichaatti deebi’uuf Ashannaafii Baqqalaa leenjisaa kilabichaa taasisuun mallatteessiseera.
Har’a leenjisaa haaraa gara kilabichaatti kan fide Jimmaa Abbaa Jifaar gara fuulduraatti taphattoota ciccimoo maqaa kilabichaa iddoo tureetti deebisuu danda’an mallatteessisuu dabalataan waldaa deeggartoota kilabichaa cimaa ta’e hundeessurraa hanga abbootii qabeenyaa kilabichaan haammachuutti hojjetamaa jiraachuu hoji gaggeessaan kilabichaa obbo Sulxaan Zaayikir FBC’tti himaniiru.
Leenjisummaan muuxxannoo gaarii kan qaban Ashannaafii Baqqalaa kanaan dura kilaboota garaagaraa kanneen akka Adaamaa,Dirree Dhawaa,Hoosaa’iinaa fi garee biyyoolessaa kubbaa miilaa Ityoophiyaa leenjisuun isaan kan yaadatamudha.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.