Fana: At a Speed of Life!

Jiraatoonni aanaa Cobii Waajjiraaleen Mootummaa aanichaa Shaneen barbadaa’uu fi saamamuu isaan tajaajila argachaa hin jiru jedhan

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Jiraatoonni Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii Waajjiraaleen Mootummaa aanichaa humna badii Shaneen barbadaa’uu fi saamamuu isaan tajaajila Mootummaa irraa barbaannu argachaa hin jiru jedhan.
Humni badii Shanee magaalattii cabsee seenuudhaan lubbuu namoota galaafachuu fi miidhaa qaamaa geessiiseera jedhan.
Manneen dhuunfaa kaasee hanga Waajjiraalee gurguddoo magaalaatti keessatti argaman qabeenyi isaanii saamamee, gamoon isaanii dhaabbittii gubachuu jiraatoonni kunneen dubbataniiru.
Waajjiraaleen Mootummaa magaalattii keessatti argaman waajirri bulchiinsaa, buufanni fayyaa, Baankiin Siinqee, Waajirri Barnoota, Buufanni poolisii fi Abbaa Alangaa dabalatee, gamoon waajjiralee hedduu barbadaa’uun tajaajilaan ala ta’e jira jedhan.
Qabeenyi hedduun Waajiraalee mootmmaa keessaa humnoota badii kanaan saamameeras jedhame.
Waajjiraaleen hedduun manca’uu fi barbadaa’uu isaaniitiin hawaasa tajaajila Mootummaa barbaaduuf tajaajila laachuun rakkisaa ta’e akka argame kan ibsan itti gafatamaan Bulchiinsaafi Nageenyaa aanaa Cobii obbo Jalqabaa Caqasaa, qabeenya waajiraalee keessaa saammamaniifi manca’aniin alatti, miidhan waajiraalee mootuummaa irratti gahe Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miliyoona 78tti kan tilmaamamu ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.