Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni aanaa Meettaa Walqixxee hiriira ba’uun Shanee balaaleffatan

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Lixaatti Jiraattoonni Aanaa Meettaa Walqixxee hiriira ba’uun gocha Shanee balaaleffataniiru.
Gocha suukkanneessaa miseensoonni Shanee raawwataniin hojii Misoomaa gaggeeffachuu,ijoollee guddifachuu, meeshaa hidhataniin muul’achuun darbees haleellaa Uummata nagaan irratti taasisaniin hanga lubbuu isaanii dhabuutti aarsaa hin malle kaffalchisaa akka jiran hiriirtoonni kunneen ibsaniiru.
Raayyaa Ittisa Biyyaa humnaa fi qabeenyaa qabaniin kan deeggaran ta’uu himaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa,Obbo Diriirsaa Waaqumaan Uummanni Meettaa Walqixxee Jijjiramaa argame fiduuf aarsaa kaffaleera jedhan.
Shaneen bilisummaa Oromoof qabsaa’aa hin jiran, gochi isaanii gocha safuu Oromoo cabsedha; darbes warra gumaatti galanii Oromoo qaanessaniiru jechuun dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.