Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Dasee Hiriira deeggarsaa Dooktar Abiy Ahimadiif bahan

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC) – Jiraattoonni magaalaa Dasee, Kamisee fi Baatii Hiriira deeggarsaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif bahaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Dasee fi naannawaa ishee jijjiirrama hoggansa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin dhufe deeggaruuf hiriiraa gaggeessaniiru.
Hiriirichi mata dureewwan ‘duula garee ABUT dhabamsiisuuf gaggeeffame keessaatti hoggansa siyaasaa laatame ni dinqisiifanna, shirawwan ijaarsa Hidha Haaromsaa gufachiisuuf gaggeeffamu kamiiyyuu dura dhaabbanna, naannummaa fi Finxaaleessuummaa ni balaaleeffanna’ jedhuun gaggeeffameera.
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraatti jiraattoonni Godina Addaa Saba Oromoo magaalaa Kamisee fi Baatis deeggarsa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif qaban magaalaa Kamiseetti hiriira bahuun muul’isaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.