Fana: At a Speed of Life!

Jiyaanii Infaantiinoon sagantaa waancaa Afrikaarratti sirreeffamni akka taasifamu yaada dhiyeessan

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) –Preezdaantiin Waldaa Kubbaa Miillaa Addunyaa(FIFA) Jiyaanii Infaantiinoon sagantaa waancaa Afrikaarratti sirreeffamni akka taasifamu yaada dhiyeessan.
 
Preezdaantichi taphni waancaa Afrikaa waggaa lama lamaan gaggeeffamu, waggaa afur afuritti akka gaggeeffamu yaada dhiyeessaniiru.
 
Preezdaantichi yaada isaanii kana waltajjii marii Koonfeedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa guddina kubbaa miillaa fi bu’uuraalee misoomaarratti xiyyeeffachuun Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamurratti dhiyeessaniiru.
 
Waancaan Afrikaa waancaa Awrooppatiin yoo madaalamu galiin isaa %20 gadi aanaa ta’uu eeraniiru.
 
Galichis ta’e bu’uuraaleen misoomaa ga’aa miti, kanaaf waggaa 4tti al takkaa qopheessuu wayyaan yaada dhiyeessaniiru.
 
Waancaan Afrikaa itti aanu kan bara Faranjootaa 2021 qopheessummaa Kaameruunin, kan bara 2019 ammoo qopheessummaa Gibtsiin gaggeeffamuun ni yaadatama.
 
Rakkoo bu’uuraalee misoomaa biyyoota 54 furuuf, waldichi Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 istaadiyamii akka ijaaru eeraniiru.
 
 
 
Maddi; africa.cgtn.com
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.