Fana: At a Speed of Life!

Kabajaa fi birmadummaa biyya keenyaaf wanta nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha- Ambaasaaddaroota

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Kabajaa fi birmadummaa biyya keenyaaf wanta nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha jedhan  Ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa fi hoggaoonni Ministeera Dhimma Alaa.

Hogganaa keenyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa hunda cina dhaabbachuu keenya wayita ibsinu gammachuu guddaatu nutti dhagahama jedhan walga’ii taasisaniin.

Faayidaa biyya isaanii kabachiisuuf hojii dippiloomaasii yeroon gaafatu hojjechuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa maallaqaa taasisuu fi fuuldurattis wanta irraa eegamu hunda raawwachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa boruu dhiiga ni arjoomu jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.