Fana: At a Speed of Life!

Kaffaltii deeggarsa boba’aa biyyaalessaa raawwachiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Kaffaltii deeggarsa boba’aa biyyaalessaa yaadame raawwachiisuuf Ministeeraa Geejibaa fi Loojistiksii, Itiyoo Teelekoomii fi Dhaabbata Dhiyeessaa Boba’aa Ityoophiyaa gidduutti appilikeeshinii kalaqame hojiirra oolchuuf sanadni waliigaltee mallateeffameera.

Appilikeeshiin kalaqame Adaamaa, Finfinnee, Hawaasaa, Walaayittaa Sooddoo, Baahirdaaritti yaaliin gaggeeffamuu ibsameera.

Obbo Abdulbar Shamsuu Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii bakka bu’uun akka ibsanitti, deeggarsa boba’aa yaadameen fayyadamtoota ta’uu jedhaman konkolaattonni kuma 164 fi 345 adda baafamaniiru.

Raawwii deeggarsichaa hojiirra oolchuuf sadarkaalee shan kan qabu yoo ta’u, akaakuuwwan konkolaatotaa, kiiloo meetira imalan, haalaa daandii, gosa boba’aa tilmaama keessa kan galcheedha jedhamuu DhPI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.