Fana: At a Speed of Life!

Kaka’umsi ummanni Raayyaa Ittisaatti makamuuf agarsiise hamilee humnoota badii kan cabsuudha – Kolooneel Geetinnat

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014(FBC) Kaka’umsi ummanni Raayyaa Ittisaatti makamuuf agarsiise hamilee humnoota badii kan cabsuudha jedhan Daayreektarri Daayreektoreetii Quunnamtii Uummataa Raayyaa Ittisaa Kolooneel Geetinnat Adaaneen.
 
Hirmaannaan uummanni waraana kaaba Ityoophiyaatti mudateerratti agarsiise Raayyaa Ittisaa qofaaf osoo hin taane diyaaspooraa ala jiruuf illee hamilee ta’eera jedhan Koloneel Geetinat.
 
Qonnaan Bultootaa hanga Horsiisee Bultootaa, Barataa hanga Barsiisaa, hawaasni damee hundaan jiru deeggarsi Raayyaa Ittisaaf agarsiise olaanaa ture jedhaniiru.
 
Kunis seenaa biyyattii keessatti galmaa’ee kan turuudha jechuun ibsaniiru.
 
Uummanni gamtaan ba’uun deeggarsi agarsiise Raayyaa Ittisaaf galaa ta’eera, deeggarsi kun akka injifannuuf qooda olaanaa taphateera jedhan.
.
Yeroo ammaa hawaasni hundi biyyaaf loltuu ta’uu himuun,Kaka’umsi Uummanni deegarsa maallaqaa fi galaa taasisuu bira darbee adda waraanaa dhaquun waraana keessatti hirmaachuun isaa humnoota badii dhiphiseera jechuun himaniiru.
 
Maddi:-DhPI
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.