Fana: At a Speed of Life!

Karoora misooma waggaa 10 damee geejjibaarratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)- Karoora misooma waggaa 10 damee geejjibaarratti mari’atamaa jira.
Waltajjicharratti itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa dabalatee Ministiroonnii fi hoggantoonni naannolee argamaniiru.
Obbo Dammaqaan Ityoophiyaattti dameewwan agro ikkonomii, tuuriziimii fi diinagdee hawaassummaa bu’a qabeessaa taasisuuf damee geejjibaa ammayeessuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hojiirra olmaa fi bu’a qabeessummaa karooraa misooma waggaa 10 qaamolee federaa hanga naannootti isaan ilaallaatu xiyyeeffannoo hojjechuu qabu jedhaniiru.
Obbo Dammaqaan waggoota kurnan dhufanitti badhaadhina Ityoophiyaa Afrikaaf fakkenyaa taasisuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Misikkir Sinaafiqtu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.