Fana: At a Speed of Life!

Karoorri Haaraan Barnootaa hanqinoota damee barnootaa waliigalaa giddugaleessa kan taasiiseedha – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Karoorri Haaraan Barnootaa hanqinoota damee barnootaa waliigalaa giddugaleessa kan taasiise ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru.

Karoorri barnootaa haaraan hanqinoota barnootaa kana dura ture kan guutuu fi qorannoorratti kan hundaa’e ta’uu himaniiru.

Karoora haaraa kana bocuuf qorannoo gaggeeffameen hanqinaaleen  akka qulqullina barnootaa, hunda galeessummaa barattootaa, sirna barnootaa diinagdee waliin wal simuu dhabuu fi damichi teeknooloojii waliin ammayyaa’uu dhabuun akka muul’achuu ibsaniiru.

Sirna barnootaa haaraan kun bara barnootaa 2014tti guutummaan guutuutti hojiitti akka hiikkamuuf qophiiin jiraatuus sababa hanqina baajataan manneen barnootaa hunda keessatti gara hojiitti hiikuun kan hin danda’amne ta’uu Dooktar Injiinar Geetahuun himaniiru.

Sababa kanaan bara barnootaa 2014 manneen barnootaa filataman keessatti qofa yaaliin kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.

Qophii fi qorannoo kanarratti Yuunvarsiitiwwanii fi hayyoonni 200 ol hirmaachuu  ibsameera.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.