Fana: At a Speed of Life!

Kilaboonni Darbii Kaaba Londan har’a si’a 194ffaaf waliin morkatu

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Kilaboonni Masaanuu kaaba Londan har’aa saatii 10:00 irraa eegaluun dirree Filaay Emireet irratti Arsenaal Tootinhaam waliin morkiin taasisu ni eegama.

Kilaboonni lamaan gahuumsa gaariirratti argamuun isaanii taphichi si’oomina guddaa akka eegamu taasiseera.

Tootinhaam taphoota 30 Filaay Emireetitti taphate keessaa 1 qofa injifate.

Har’aa seenicha jijjiiruuf morkata.Darbichaan Hariikeen osoo gara Muunikitti hin imaliin dura galchii 14 Arsenaal irratti lakkoofsisuun dursa qabateera.

Bukaayoo Saakaan dargaggeessa kilaba masaanuu irratti galchii lakkoofsise yoo ta’u, har’as ni eegama jedhame.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.