Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni‘’Daandii Ida’amuu’’ Dooktar Abiy Ahmadiin barreeffame bakka obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti Magaalaa Jimmaatti eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Kitaabni ‘Daandii Ida’amuu’ Dooktar Abiy Ahmadiin barreeffame bakka Preezdaantiin Mootuummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti Magaalaa Jimmaatti eebbifameera.
Eebba kanarratti Preeziaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Dooktar Abiy boqonnaa tokko malee, biyya bulchaa kitaaba kana barreessuun isaanii kutannoofi beekumsa isaanii mul’isa jedhan.
Daandiin Ida’amuu obbolummaa, biyya ijaaruu siyaasa fiixee gamaa gamanaa walitti fidee giddu galeessa tokkotti wal danda’anii biyyaaf akka hojjechuu malan gorsaas jedhan Preezdaanti Shimallis.
Daandiin Ida’amuu sab-daneessummaa jabeessa; kabaja lammilee biyya keessaafi ala jiraataniif dursa kenna; kitaaba kana keessatti bu’aa bahii biyyi keenya keessa darbite, kallatti gara fuula duraatti biyyi kun deemuu qabdu agarsiisas jedhan.
Sirna Eebba kitaaba Ida’amuu kanarratti qondaaltonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo akkasumas hayyoonni argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.