Fana: At a Speed of Life!

Komishiinin Poolisii Federaalaa uummata waliin qindoominaan bara haaratti hojii yakka ittisuu akka hojjetu ibseera

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Komishiinin Poolisii Federaalaa uummata waliin qindoominaan bara haaraatti hojii yakka ittisuu akka hojjetu ibsee.

Itti aanaan komishiini poolisii federaalaa komishiinar jeneraal Malaakuu Faantaa, nageenya biyyatti kabachiisuuf hooggantotaa fi miseensa poolisii iddowwan garaagaraatti hojirratti bobba’anii jiraaniif akkasumaas lammiilee Ityoophiyaa maraaf ergaa baga geessani dabarsaniiru.

komishiinar jeneraal Malaakuu Faantaa, komishiinichi bara baajata darbeen humnoota nageenya naannolee fi federaalaa waliin qindoominaan walitti bu’iinsa iddoo tokko tokkootti muldhatee tasgabbeessun, kanneen miidhaan irraa gahee ariitiin yaala akka argatan taasifameera jedhan.

Kanneen qe’ee isaanirra buqqa’aniis hojiin garaa qe’ee isaaniitti deebisu hojjetameera jedhaniiru.

Dabalatanis rakkoo uumamee karaa nagaa furuu fi  qamoolee yakkaarratti hirmaatan seeratti akka dhiyaatan taasifameera jedhan.

Meeshaaleen kontiroobandii tilmaama Birrii miiliyoona 400 qabanii to’annoo jala oolaniiru.

komishiinar jeneraal Malaakuu Faantaa,tamsa’iinni weerara vaayrasii koroonaa yeroodha garaa yerootti dabalaa waan jiruuf hawaasni yeroo maraa of eeggannoosa cimsu akka qabu dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.