Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi qondaaltota poolisii Somaaliyaa barnoota ogummaa poolisii fudhachuuf gara Ityoophiyaa dhufan simate

Finfinnee, Amajjii 25, 2015 (FBC) – Komishiniin Poolisii Federaalaa qondaaltota poolisii Somaaliyaa barnoota ogummaa poolisii digirii 1ffaa fi 2ffaa barachuu gara Ityoophiyaa dhufan simateera.

Yuunivarsitiin Poolisii Ityoophiyaa biyyarra darbee gaggeessitootaa fi poolisoota biyyoota ollaa barsiisuun nageenya naannawichaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Komishinarri komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel fi ibsaniiru.

Biyyoota ollaa waliin tumsaan hojjechuu fi dhaabbilee poolisii barnootaafi leenjiin cimsuun yakkoota daangaa darban ittisuuf ni gargaara jedhan.
Yuunivarsiitichi sagantaa digirii jalqabaa fi 2ffaan qondaaltota poolisii Somaaliyaa 38 bara barnootaa 2015’tti barsiisuuf simateera.

Yuunivarsitiin Poolisii Ityoophiyaa qondaaltota poolisii Sudaan Kibbaas simatee barsiisaa jiraachuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa arganne ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.