Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi sirni salaataa Iid Al Faxirii Finfinneetti gaggeeffame karaa nagaan xummuramuu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee sirni salaataa Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa Finfinneetti gaggeeffame karaa nagaan xummuramuu beeksiise.
Ayyaanichi rakkoo tokko malee karaa nagaan akka xummura komishinichi qaamolee nageenyaa fi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa waliin xiyyeeffannoon hojjechaa turuu beeksiiseera.
Yakka raawwatamuu danda’u ittisuuf hawaasni Musiliimaa fi jiraattoonni magaalichaa hirmaannaa olaanaa taasiisuus ibseera.
Komishinich hawaasa Musiliimaa, jiraattoota magaalaa fi qaamolee nageenyaa dhimmi nageenya dhimma kooti jechuun hirmaannaa olaanaa taasiisan galateeffateera.
Nageenya magaalichaa mirkaneessuuf hawaasni hirmaannaa garaagaraa taasiisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu gaafachuu ragaan Komishinicharraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.