Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Gumuruukaa deeggarsa meeshaalee Birri miiliyoona 24.7’tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Amajjii 21, 2015 (FBC)- Komishiniin Gumurukaa Godina Shawaa Kibba-Lixaatti deeggarsa meeshalee garaagaraa Birrii miiliyoona 24.7’tti tilmaamamu harka qalleeyyiif taasise.

Deeggarsa kanas bakka Komishinarri Koomishinichaa Dabale Qaabataa fi hooggansi olaanaa godinaa argamanitti walharka fudhiinsi taasifameera.

Deeggarsi taasifames, huccuu, kophee, zayita nyaataa fi kanneen biroo seeraan ala daddabarfamaa turanii koomishinichaan yeroo garaagaraatti to’atamuun galii ta’an akka ta’e eerameera.

Komishinarri komishinii Gumuruukaa Dabalee Qabataa akka jedhanitti, wal utubuu fi waliif humna tahuun, tokko taane yoo jabaannee hojjanne hiyyummaa seenaa ni taasifna jechuu isaanii ragaan kominikeeshinii gocinichaarraa argame ni mul’isa.

Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taayyee Guddisaa gama isaaniin, deeggarsa koomishinichi taasiseef galateeffachuun, deeggarsichis kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii godinichaaf akka oolu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.