Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin marii gaggeessuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin marii gaggeessuu ibsameera.

Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ministeera Maallaqaa waliin ta’uun deeggarsa Komishinii Marii Biyyaalessaaf taasifamurratti dhaabbilee misoomaa waliin marii gaggeessuu ibsameera.

Walitti qabaan komishinichaa Proofeesar Masfin Arayaan hojiilee hanga ammaatti hojjetamanii fi gara fuula duraatti hojjetaman  irratti ibsa taasisaniiru.

Yaadota siyaasaa, garaagarummaa ilaalchaa fi yaadaa akkasumas waldhabdeewwan Ityoophiyaa keessatti mudatan marii uummata bal’aan furamuu akka qaban mootummaan kan amanu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawu ibsaniiru.

Sagantaan Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo itti aanutti komishinichaaf galii walitti qabuu fi bulchiinsa deeggarsaarratti deeggarsa kan taasisu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.