Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa fi Biiroon Aadaa fi Turizimii Afaar hawwata tuurizimii waliin misoomsuu fi beeksisuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 21, 2014 (FBC) – Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa fi Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Affaar hawwata tuurizimii naannolee lamaanii waliin misoomsuu fi beeksisuuf waliigalaniiru.

Qabeenya tuurizimii daangaa naannolee lamaanitti argaman misoomsuu fi gabaa biyya keessaaf alaatiif beeksisuun fayyadamummaa hawaasa naannolee lamaanii mirkaneessuuf waliigalaniiru.

Ummataa Oromoo fi Afaar walitti fiduun obbolummaa karaa tuurizimiitiin jiruun cimsuuf ta’uu Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa beeksiseera.

Daawwannaa dirree guyyoota sadiif godhamen paarkiiwwan Biyyaalessaa Awaash fi Alaaydagee Asaboot kan daawwataman yoo ta’u, paarkiiwwan kunneenis daangaa naannolee lamaan gidduutti kan argaman tahuun eerameera.

Daawwannaan kun bu’aa guddaa qabaachuu Komishinarrii Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Aaddee Lalisee Dhugaa, ibsaniiru.

Waliigalteen mallattaa’es naannoleen kunneen hariiroo karaa tuurizimiin qaban akka ciimsan kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.