Fana: At a Speed of Life!

Konfiraansiin dargaggoota naannoo oromiyaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC) – Konfiraansiin dargaggoota naannoo oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Dargaggoonni godinaalee Oromiyaa irra baba’an waltajjicha irratti hirmaata jiru jedhame.

Konfiraansichi mata duree “dargaggumman ijaarsa biyyaaf” jedhun marsaa 13ffaaf gaggeeffamaa jira.

Itti gaafatamaa Paartii Baadhaadhina damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Durbee Saamiyaa Abdallaa dabalatee, hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo konfiraansicharratti argamaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.