Fana: At a Speed of Life!

Konfirensiin Qorannoo Gaazexeessummaa Afrikaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2014 (FBC) – Konfirensiin Qorannoo Gaazexeessummaa Afrikaa Finfinnee fi magaalota ardichaa 4 keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Konfirensichi kan Gaazexeessitoonni Afrikaa qorannoo Gaazexeessummaarratti muuxxannoo waljijjiiranii fi leenjii hubannoo itti argatan ta’uu eerameera.
Konfirensichi Magaalaa Finfinnee, Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaannisbarg, Seneegaal Daakaar, Naayijeeriyaa Abuujaa fi Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Gaazexeessitoonni biyyoota Afrikaa hunda keessaa walitti babba’an hirmaachaa jiraachuu himameera.
Gaazexeessitoonni gabaasa qorannoo Idil Addunyaa garaagaraa hojjetan waltajicharratti muuxxannoo qoodaa jiraachus ibsameera.
Konfirensii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti Gaazexeessitoonni miidiyaalee garaagaraa keessaa walitti babba’anii fi hayyoonni Yuunvarsiitii Finfinnee hirmaachaa jiruu ibsameera.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.