Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoota kuma 4 fi 703 qajeelfama kenniinsa tajaajila geejjibaa darbanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebla 6, 2013 (FBC)- Abbaan Taayitaa geejjibaa Magaalaa Finfinnee konkolaattoota kuma 4 fi 703 qajeelfama kenniinsa tajaajila geejjibaa darbanirratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.
Baatii Bitootessaa qofa kenniinsa tajaajila geejjibaa waliin walqabatee taarifaa ol kaffalchiisuu, humnaa ol fe’uu, kukkutanii fe’uu fi danbiiwaan biroo warren darban konkolaattoota kuma 4 fi 703 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu Abbaan Taayitaa geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibseera.
Tarkaanfii fudhatameen Birriin miiliyoona 2 ol walitti qabamuu danda’eera.
Akka ragaan waajjira abbaa taayitichaa mul’isutti baatii Gurraandhalaa konkolaattoota kuma 4 fi 100 danbiiwwan garagara darbanirratti tarkaanfiin fudhatamu ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.