Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin barsiisota Naqamtee barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture 218  har’aa eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Koolleejjiin barsiisota Naqamtee barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture 218  har’aa eebbisiiseera.

Koolleejjichi barattoota muummee Afaanii, Saayinsii hawaasaa, Saayinsii Uumamaa fi Isteetiksiin baratan sadarkaa dippiloomaan har’a eebbisiseera.

Dabalataani hundeeffamni koolleejjichaa waggaa 42 ffaan kabajameera.

Diiniin Koolleejjichaa obbo Fiqaaduu  Tasfaa barattoota,maatii barattootaa fi keessummota baga gammaddan jechaniiru.

Koolleejjichi bara Faranjoota Fulbaana bara 2014 irraa eegaluun Sadarkaa barnootaa digrii jalqabaan adeemsa baruu fi barsiisuu kan itti fufee ta’uu himaniiru.

Sirni eebbichaarratti Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Alamaayyoo Tasfaa, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Bariisoo Tamasgeen Sirna eebbaa kana irratti argamuu dhaan barattootaa fi maatii barattootaan baga gammaddan jedhaniiru.

Efreem Malkaamuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.