Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Niwuu Gloobaal Vizhiin damee Shaashamannee barattoota barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Niwuu Gloobaal Vizhiin damee Shaashamannee barattoota kuma 3 fi 519 barsiisaa ture eebbisiiseera.

Koolleejjiichi barattoota Mastarsii 466 fi barattoota Digrii fi gulantaan walumaagalatti barattoota kuma 3 fi 519

eebbisiiseera.

Haati koolleejjii Niwuu Gloobaal VizhIin aadde Asallafech W/Goorgis eebbifamtoonni ogummaa argataniin hawaasa isaanii aantummaa fi xiiqiin akka tajaajilan dhaamsa dabarsaniiru.

Diiniin koollejjichaa Dooktar Yaared Himbiyaalee barattoonni akaakuu barnoota barataniin hoji uumtoota ta’uun barnoota galiitti jijjiiruun ofii fi biyya akka deeggaran gaafataniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.