Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Paaraadaayiz Vaalii barattoota Kuma 5 ol eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Koolleejjiin Paaraadaayiz Vaalii barattoota muummee barnootaa garaagaraan barsiisaa ture Kuma 5 fi 123 har’a eebbisiise.

Barnoota sadarkaa irraa hanga digirii 2ffaatti Iikonomiksii, fayyaa fi muummeewwan biroon barsiisaa tureera.

Maanaajarrii fi Abbaan Qabeenyaa Koolleejjichaa Obbo Ayyalaa Korrosoo barattootni guyyaa har’aa eebbifaman beekumsa yeroo leenjii isaaniitiin argatan hojiitti jijjiiruun ergama biyya isaanii jijjiiruu fudhachuun kan eebbifaman ta’uu dubbatan.

Koolleejjichi erga hundeeffamee eegalee hanga ammaatti barattoota kuma 61 fi 998 muummee barnootaa garagaraatiin leenjisuun biyyaaf gumaachuu himan.

Dabalataan dameewwan ijaarsaa, geejjibaa fayyaatiin hojiiwwan rakkoolee hawaasaa furan hojjachaa jiraachuus dubbataniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.