Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Marii Biyyaalessaa jiraatoota Dirree Dhawaa waliin mari’ata jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Koomiishiniin Marii Biyyaalessaa jiraatoota Magaalaa Dirree Dhawaa waliin mari’achaa jiraachuun ibsame.

Waltajjicharratti Koomiishinarri Koomiishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mohaammad Diriir, waldhabdee Ityoophiyatti mul’atan mariin furuuf waltajjiin akkanaa barbachisaadha jedhan.

Marii biyyaalessaan dhimmi Ityoophiyaa na ilaalataa qaamoolee jedhaniif carraan akka uumuu fi garaagarummaa gama hawaasummaa fi siyaasaan jiru dhiphisuuf faayidaa olaanaa qabachuus eeraniiru.

Koomishinarri Koomishinichaa Malaakuu Waldamariyaam gama isaaniin, marichi mootummaa fi ummata gidduu waliigalteen akka jiraatu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti marii biyyaalessaaf bakka buutonni magaalaa Dirree Dhawaa kan filaman ta’uun ibsameera.

Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.