Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Poolisii Federaalaa miseensotaa fi hoggansa kabachiisa seeraa fi nageenyaa ebbisiise

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) –Koomiishiniin Poolisii Federaalaa miseensotaa fi hoggansa kabachiisa seeraa fi nageenyaa leenjisaa ture ebbisiise.

Koomiishinichi miseensotaa fi hoggansa kabachiisa seeraa fi nageenyaa Wiirtuu Leenjii Ogummaa Addaddaa Kolfeetti leennjisaa ture ebbisiisera.

Ebbifamtoonni leenjii kora bittinsaa fi to’annoo dawaa sammuu nama adoochu, tajaajila poolisii hawaasummaa, qabiinsa mirga namoomaa, deeggarsa yaalaa sadarkaa duraa fi ga’umsa qaamaa fudhataniiru.

Ebbicharratti kan argaman koomiishinar janaraalli Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw ebbifamtoonni dirqama isaanii naamusaan akka ba’atan dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.