Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiinin Misooma Indaastirii Paarkiwwanii Ityoophiyaa koorporeeshiini Faayinaansi Idil-addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Koorporeeshiinin Misooma Indaastirii Paarkiwwanii Ityoophiyaa koorporeeshiini Faayinaansii Idil-addunyaa waliin dhimmoota waliin hojjachuu danda’amurratt mari’atan.

 

Hojii Gaggeessaa olaanaan Koorporeeshiinii Misooma Indaastrii Paarkiwwanii Ityoophiyaa, obbo Saandokaan Dabbabaa Hojii Gaggeessaa koorporeeshiinii Faayinansi Idil-addunyaa Sheekoomar Saayillaa waliin dameewwan dhaabbileen lameen waliin hojjachuu danda’an irratti mari’ataniiru.

 

Dhiyyeessi mana jireenyaa hojjattootaa,leenjii ijaarsa humna namaa,dhiyyeessii oomishawwan qorichaa fi dhimmoota dhaabbilee laman walitti hidhan irratti mari’achuu isaann Koorporeeshiinii Misooma Indaastrii Paarkiwwan Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.