Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi Dhaabbata Jarman waliin waliigaltee Yuuroo miiliyoona 1.2 mallattesse

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)-Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Biiroo Walta’iinsa Dhaabbata Jarman (IFE) waliin waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1.2 mallatteesseera.

Hoji Raawwachiisan Olaanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akiliiluu Taaddasaan, Biiroon Walta’iinsichaa Koorporeeshinichaaf carraa hojii uumuu fi humna Dhaabbilee oomishtoota guddisuuf deeggarsa maallaqaa taasisuu isaaf dinqisifataniiru.

Koorporeeshinichi pirojektichi yeroo qabametti akka xumuramuuf humna guutuun hojiirra akka ooluuf murannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Deeggarsichis, dhiyeessii bishaan Paarkii Indaastirii Hawaasaa guddisuuf, Itti quufinsa dhaabbilee oomishtootaa dabaluun, paarkichi humna guutuun akka socho’uu fi lammiilee 300 oliif carraa hojii uumuuf akka ta’e eerameera.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoo fi Ministirri Waltaa’insa Dinaagdee fi Guddinaa Jarman Dooktar Doominiik Piriiyizingiin dabalatee qondaaltonni biroon argamuu ragaan Koorporeeshinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.