Fana: At a Speed of Life!

Koreen dhaabbichaa aanaa Sinaanaatti kenna tajaajila seektaraalee mootummaa fi ijaarsa proojektootaa daawwachuun hawaasa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) -Jilli miseensoota koree dhaabbii Caffee Oromiyaa Aadde Mastaawat Fayyisaan durfamu, kenna tajaajila sektaraalee mootummaa fi proojektoota hojjetamaa jiran daawwachuun hawaasa aanichaa waliinis mari’ataniiru.
Marii hawaasa waliin taasifame kanaanis dhimmoota rakkoo bulchiinsa gaarii, hawaas-diinagdee fi nageenya biyyaa irratti xiyyeeffachuun mari’aatameera.
Jiraattoonni maricha irratti hirmaatanis, qaamolee nageenya biyyaa booressuun ummata amantaa fi sabaan walitti buusuuf socho’an kan balaaleffatan ta’uu fi tarkaanfii gama kanaan mootummaan fudhataa jiru kan deeggaran ta’uus dubbatan.
Miseensooni Caffee Oromiyaa hawaasa waliin mari’atanis, mootummaan fedhiifi faayidaa Uummataa mirkaneessuuf hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjataa jiraachuu eeruun, gaaffii fi komiin hawaasa biraa ka’an akka deebii argataniif kan hojjatan ta’uu himan.
Rakkoo bulchiinsa gaariitiin walqabatee komii ummataa biraa ka’u deebisuuf mootummaan xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jiraachuu,Walitti qabduun Koree Dhaabbii Dhimma Baajataa fi To’annoo Horataalee Mootummaa Aadde Mastaawat Fayyisaa himan.
Hawaasnis mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee irraa eeggamu bahuu qaba jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.