Fana: At a Speed of Life!

Koreen ministirootaa ittisa vaayrasii koroonaa biyyoolessaa, hoggansa naannolee fi magaalaa waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Koreen ministirootaa ittisa vaayrasii koroonaa biyyoolessaa, hoggansa naannolee fi magaalaa waliin mari’ate.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuu fi hir’isuurratti, rakkoolee mudatanii fi kallattii furmaataarratti mari’atameera.
 
Weerarri vaayrasichaa dabalaa dhufuu isaatin hawaasni of eeggannaa akka cimsu dhaamaniiru.
 
Hawaasni of dagannaa dhiisuu dhabuu isaatin dhimmichi yaaddessaadhas jedhameera.
 
Hojiin hubannaa uumuu cimee hojjetamuu akka qabu kallattiin kaa’ameera.
 
Weerarichaan ogeeyyiin yaalaas miidhamaa jiraachuun ibsamee, of eeggannaan taasifamuu akka qabuu fi meeshaaleen galteef barbaachisan dhiyaachuu akka qabantu kallattiin kaa’ame.
 
Tamsa’ina naannoo daangaa ittisuu, bulchiinsa tursa addaa fooyyessuu, hordoffii fi to’annaan cimuu akka qabus kaa’ameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.