Fana: At a Speed of Life!

Korichi naannoo Oromiyaatti nyaata beelladaa raabsaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa naannoo Oromiyaatti nyaata beelladaa raabsaa jiraachuu beeksiseera.

Korichi abbootii warraa kuma 5 godina Harargee Bahaa Kumbiitti argamaniif nyaata beelladaa raabsaa jiraachuu ibsameera.

Deeggarsi taasifame kun beelladoota kuma dhibba 1 fi kuma 50’f ooluu kan danda’u ta’uu ragaan Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaarraa argame ni mul’isa.

Oromiyaa godinaalee Booranaa, Gujii, Baalee akkasumas godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaatti hongee mudatee tureen miidhaa cimaan qaqqabuu ibsamaa tureera.

Rakkicha furuuf muutumman tarkaanfiiwwan furmaataa fudhachaa jiraachuu fi karoora yeroo gabaabaa fi giddugaleessaan bishaan boolla gadi fagoo qochisiisaa jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii ibsee turuun ni yaadatama.

Naannoo Oromiyaatti hongee mudatee tureen beelladoonni miiliyoonni 14 miidhaaf saaxilamaniiru.

Kanneen keessaa beelladoonni miiliyoonni 1.3 du’uu fi miiliyoonni 2.8 ammoo deeggarsa namaan kan socho’an ta’uu Komishiniin Ittisa Sodaa Balaa Oromiyaa ibsuun kan yaadatamu.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.