Fana: At a Speed of Life!

Korichi raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggama jira

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Koreen Olaanaa Sagantaa Guddina Qonnaa Naannoo Oromiyaa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggama jiraachuu ibsame.

Sagantaan Guddina qonnaa hojii qonnaa naannoo Oromiyaa ceesisuuf bu’uuraalee misooma qonnaa baadiyyaa babal’isuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gumaacha olaanaa taasisuu Hoggannaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Sagantaan guddina Qonnaa piroojektoota akka naannootti jiran keessaa karoora mootummaan hiyyummaa seenaa gochuudhaaf qabate milkeessuuf hojii misooma qonnaarratti sagantaa gahee olaanaa bahataa jiru ta’uu Sadarkaa Ittanaa pireezidaantiitti Qindeessaan kilastera Misoomaa Baadiyyaa Obbo Abduramaan Abdallaa eeraniiru.

Sagantaan Guddina Qonnaa bu’uuraalee misoomaa qonnaa kanneen iskiimota jallisii xixiqqaa, mana kuusaa midhaanii, riqicha gandoota walqunnamsiisu, giddu-galeessota gabaa oomisha qonnaafi lammiilee fedhii walfakkaatu qaban waliin ijaaramuun gurmaa’anii akka hojiitti galaniif carraa hojii bal’aa uumaa kan jiru yoo ta’uun eeramuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.