Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiniin Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa abbootii qabeenyaa waliin mari’ata jira

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC)- Korporeeshiniin Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa abbootii qabeenyaa waliin mari’ata jira.
Hojiileen kana dura hojjetamaan irrattii fi gara fulduraatti abbootii qabeenyaa waliin haala hojjechuun danda’amuu irrattii mariin taasifamaa jiraachuu ibsameera.
Oromiyaan hojii invastimantiitif mijattuu ta’uusheen mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjeta jiraachuu himameera.
Itti aanaan komishinii komishinara Invastimantii Oromiyaa obbo Huseen Ushuu, invastaroota harkisuuf, liqii mijeesuu, seeroota danqaa tu’an foyyeessuu fi kanneen biroorratti hajjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hogganaan paarkiiwwan industrii Oromiyaa obbo Sisaay Gammachuu, paarkoota qindaa’aa haara Bulbuulaa fi Zoonii Addaa Gadaa Birrii biiliyoona 10 ijaaramaa jira jedhaniiru.
Paarkoota qindaa’aa kana keessaa abbootiin qabeenyaa akka seenaniif hojiin bal’aa hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Paarkoonni kunneen gara hojiitti wayita seenaan carraa hojii namoota kuma 70 hanga kuma 100 ta’anif ni uumuu jedhaniru.
Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.