Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa abbootii qabeenyaa waliin hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiin Indaastrii Oromiyaa Abbootii qabeenyaa biyya keessaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Kaayyoon walii galtichaas Paarkii Indastrii Qonna Qinda’aa irratti abbootii qabeenyaa bobaasuun hojitti galchuufi jedhame.

Abbootiin qabeenyaa kunneen lafa hektaara 40.93 irratti gosa piroojeektii 12n kan hirmaatan ta’uu Hojii Raawwachiiftuu olaantuun Korporeeshinii Misooma paarkii Indaastirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabreen ibsaniiru.

Sirna walii galtee mallateessuu kana irrati Hogganaa Biiroo Invastmantii fi Indaastirii Oromiyaa, Hojii Raawwachiiftuu olaantuun Korporeeshinii Misooma paarkii Indaastirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabree dabalatee abbootiin qabeenyaafi qaamooleen dhimmi ilaallatu argamaniru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen warshaa paastaa, zayita nyaataa, nyaata daa’immanii fi kanneen biroorratti Kaappitaala Birrii biiliyoona19 fi miiliyoona 6n hojjechuuf waliigalticha mallatteessaniiru jedhame.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.