Fana: At a Speed of Life!

Kubbaaniyyoonni oomishaa biyya keessaa fi idil addunyaa gaaffilee invastimantii dhiyeessaa jiru-Koorporeeshinicha

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Kubbaniyyoonni oomishaa biyya keessaa fi biyyoota alaa garagaraa gaaffiilee invastimantii dhiyeessaa jiraachuu Koorporeeshiniin Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii beeksise.

Koorporeeshinichi paarkii indaastii keessatti kubbaniyyoota hojjechuu fedhan lama waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltechi Ittaanaa Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinichaa Obbo Shifarraa Solomoon, Ittaanaa Hoji Gaggeessaa Paarker Kiley Obbo Kibiraab Abarraa fi Hoji Gaggeessaa Kubbaaniyyaa Akshaay Jeen waliin mallateessaniiru.

Obbo Shifarraa Solomoon, biyyoota addunyaa garagaraa fi biyya keessaa kubbaaniyyoonni oomishaa gaaffilee invastimantii dhiyeessaa jiraachuu eeruun, koorporeeshinichis gaaffilee kanneen simachuuf hojjechaa jira jedhan.

Hoggantoonni Kubbaaniyyaa Parker Kiley fi Akshaay Jey gama isaaniin paarkiiwwan indaastirii keessatti ariitiin gara hojitti seenuun oomisha jalqabuuf akkasumas alergee guddisuuf akka hojjetan dubbataniiru.

Kubbaniyyaan Akshaay Jeey hojii invastimantii Birrii miiliyoona 884’n Paarkii Indaastirii Jimmaatti oomisha baayoo gaazii fi xaa’oo baayii gaazii oomishuuf, lammiilee hedduufis carraa hojii uuma jedhameera.

Kubbaaniyyaan Maanufaakchariingii Veenchar PCE hojii invastimantii Birrii miiliyoona 30 Mandaraa Indaastirii Addisitti bu’aalee gogaa oomishuun kan eegaluu, lammiilee 300’f carraa hojii akka uumu eerameera.

Hojiin invastimantii kubbaaniyyoota lameenii Birrii miiliyoona 914 yoo ta’u, kunis diinagdee Ityoophiyaa gama dammaqsuutiin gahee olaanaa akka bahatu ibsamuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.