Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana 1ffaa damma toonii 6 ol oomishuun danda’ameera-Pir. Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Kurmaana jalqabaa bara baajataa 2016tti damma toonii kuma 6 ol oomishuun akka danda’ame Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pirezidanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, badhaadhina maatii dhugoomsuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota hunda bira gahuuf hojjechaa jira.

Haaluma kanaan omishaa fi oomishtummaa dammaa baay’ina, ariitii fi qulqullinaan omishuun gabaa biyya keessaa fi addunyaaf dhiyeessuuf bara 2013 sagantaa inisheetiivii dammaa “Oromiyaa Galaana Damma Ni Taasisna” jedhu Magaalaa Jimmaatti labsuu yaadachiisaniiru.

Misoomni dammaa, dinagdee qoteefi horsiisee bulaa keenyaa dabaluurra darbee, rakkoo wabii nyaata furuudhaan sagantaa “Maaddii Guutuu” akka biyyaa fi naannootti qabame, dhiyeessi nyaata madaalawaa mirkaneessuun, dhaloota sammuu qaroo horachuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Tarkaanfiin addaa oomisha dammaa labsames bu’aa qabatamaa akka fiduuf, deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qaala’iins gatii gaagura ammayyaa %50 hir’isuuf Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa waliin hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Haaluma kanaan bara 2016 gaagura miliyoona 1 ol dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ibsanii, hanga ammaatti gaagurri ammayyaa kumni 178 fi150 fayyadamtootaaf dabarfamuu himaniiru.

Bara kana omisha damma toonii damma toonii kuma 113 fi 921 oomishuuf karoorfame kurmaana 1ffaatti, toonii kuma 6 fi 186 omishuun akka danda’ame Obbo Shimallis akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.