Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaatti bu’uuraaleen misoomaa fi humni Birrii miiliyoona 6 olitti tilmaamamu hatamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Kurmaana jalqabaa bara 2014 keessa bu’uuraaleen misoomaa fi humni Birrii miiliyoona 6.7 olitti tilmaamamu hatamuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksiise.

Yakki hannaa bu’uuraalee misoomaarra ga’aa jiru dhaabbaticha kisaaraaf fayyadamtoota ammoo miidhaaf saaxiluu Daayreektarri Daayreektoreetii dhimmoota seeraa Tajaajilichaa obbo Abbabaa Tasfaan ibsaniiru.

Haala siyaasaa yeroo ammaa biyyattii keessa jiru akka carraatti fayyadamuun yakki hannaa bu’uuraalee misoomaarratti raawwatu baay’achuu dhufuu obbo Abbabaan himaniiru.

Guutuu biyyattii keessatti yakki walfakkatu raawwatamaa jiraatus kan magaalaa Finfinnee daraan hedduu ta’uu kaasuu isaanii Dhaabbanni Raadiyoo fi Teeleeviizhinii naannoo Kibbaa gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.