Fana: At a Speed of Life!

Dallaan iddoo awwaalchaa Qacanee jiguun lubbuu namoota 2 galaafate

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Gullallee aanaa 4’tti dallaan “Buufata Waaraa Qacanee” jiguun lubbuun namoota 2 darbuu ibsame.

Balichaan namoota 4 irra miidhaan qaamaa qaqqabuufi gara Hospitaala Abeetiifi buufata fayyaa Mananitti yaala fayyaaf geeffamuu hogganaan qindeessa qorannoo yakkaa buufata Poolisii Qacanee Inispeektar Tasfaayee Isheetuun ibsaniiru.

Balichaan hoolaafi re’een hangi isaanii yeroof hin beekamne du’uus eeraniiru.

Hojjettoonni yeroo balaa namoota balichaan miidhaman gargaaraafi hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.