Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Qiirqoosiitti proojektoonni garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) –Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Qiirqoosiitti proojektoonni garaagaraa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 46 fi kuma dhibba 6 fi kuma 88 oliin ijaarraman eebbifamaniiru.
Proojektoonni 158 Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 46 fi kuma dhibba 6 fi kuma 88 olaan ijaarraman kunneen lammiilee kuma 3 fi 296 carraa hojii dhaabbii fi yeroo kan uumaan ta’uu ibsameera.
Walitti hidhamiinsa gabaa Birrii miiliyoona dhabba 2 fi miiliyoona 79 fi kuma dhibba 6 fi kuma 16 ol uumuus himameera.
Guyyaa har’aa Proojektoota dhaabbilee barnootaa, Galmiwaan nyaata barattootaa, Dirreewwan Ispoortii, haaromsi dhaabbilee fayyaa, Haaromsa Koolleejjii Maanufaakcheriingii Qiirqoos fi kanneen biroo dabalatee proojektoonni 158 eebbifamuu himameera.
Sirna eebbichaarratti Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay fi Ministirri Qindeessaa Dhimmoota Filannoo obbo Zaadiig Abrahaa dabalatee keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Yisimaaw Adaraatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.