Fana: At a Speed of Life!

Kutaalee hawaasaa sadarkaa jireenyaa gadi aanaarratti argamaniif giddugalli meeshaalee qulqullinaa walitti qabu hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfineetti kutaalee hawaasaa sadarkaa jireenyaa gadi aanaarratti argamaniif giddugalli meeshaalee qulqullinaa walitti qabu hundaa’e.

Koreen dargaggootaa magaalichaa fi hojii tola oltumaarratti bobaa’aniin hundaa’e kun kutaalee hawaasaa sadarkaa jireenyaa gadi aanaarratti argamaniif hojii meeshaalee qulqullinaa walitti qabu guyya har’aa eegaleera.

Hawaasni guyyaa boruu irraa eegaluun gara Addababaayii Masqalaa deemuun meeshaalee qulqullinaa arjoomuu akka danda’an ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa lammiilee meeshaalee qulqullinaa bitachuu hin dandeenye hawaasni deeggarsa taasisuun tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf hojii hojjetamu gama isaaniin ga’ee isaanii ba’atan waamicha dhiyeesseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.