Fana: At a Speed of Life!

Kuubaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Roodireegeez waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaa Makonnin, Hariiroo Kuubaan Ityoophiyaa waliin qabduu fi Waltajjiiwwan hedduurratti ga’ee isheen ba’achaa jirtu dinqisiifataniiru.

Jijjiiramoota Siyaasaa fi diinagdee Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa laachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Kuubaan Ityoophiyaaf bakka addaa qabaachuu fi hariiroo cimaa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf kutannoo qabaachuu Biruunoo Roodireegeez marichaan kaasaniiru.

Hariiroon gam-lamee biyyoota lameenii akka fakkeenyummaatti kan ka’u ta’uu eeruun, biyyoonni lameen waltajjiiwwan hedduun tumsa isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.