Fana: At a Speed of Life!

Labsiin Raayyaa Ittisaa of danda’e kan Raayyaa Ittisa Biyyaa madaalu ba’uu akka qabu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015 (FBC) –Labsiin Raayyaa ittisaa of danda’ee kan Raayyaa Ittisa Biyyaa madaaluu ba’uu akka qabu ibsame.

Manni mare bakka bu’ootaa ummataa walga’ii idilee 5ffaa har’a gaggeesseera.

Walga’ii kanaanis labsii Raayyaa Ittisaa fooyyessuuf kan mari’atee yoo ta’u, gaachana biyyaa kan ta’e raayyaa ittisa biyyaa kan madaalu, miindaan, kaffaltii beenyaa fi faayidaalee garaagaraa biroon caalmaan akka kabajamuuf of danda’ee labsiin Raayyaa Ittisaa ba’uu akka qabu miseensonni mana marichaa akeekaniiru.

Ministirri Waamamaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee labsii Raayyaa Ittisaa akka fooyya’uuf ibsa kennaniin dhimmooti labsicha keessatti hammataman kanneen akka daangaa umrii bahumsa sooramaa murteessuu fi dheeressuun walqabatan, faayidaa fi mirga raayyaati.

Kana malees, wayita waraanni uumamu miseensota Raayya Ittisaa turan deebisanii qacaruun walqabatee raawwii jiru, waa’ee tajaajila biyyaalessaa, dhimmoota hanqina raawwii qaban biroo hammachiisuuf labsichi fooyyeffamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Miseensota mana marichaarraas, Manni Maree Raayyaa Ittisaa of danda’ee akka hundaa’uuf yaadni kennameera.

Mirgaa fi dirqama raayya ittisaa, umrii bahumsaa sooromaa, faayidaalee garaagaraa akka kabajamuuf koreen dhaabbii dhimmichi itti qajeelfamu xiyyeffannaan akka ilaaluu miseensonni mana marichaa hubachiisaniiru.

Wixinee labsichaas qorannoo dabalataaf Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaaf qajeelcheera.

Gama biraatiin, manni marichaa Dhaabbataa Abbaa Gaar Ummataa irra deebiin hundeessuuf labsii bahee fooyyessuuf, wixinee labsii dhiyaaterratti mari’achuun Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Dimokiraasiitti qajeelcheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.