Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee balaa lolaan miidhaman kuma 600f deeggarsi namooma taasifamafi jira

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Sababa lolaatin lammiilee miidhaan irra ga’ee kuma dhibba 6 ta’aanif gargaarsi namoomaa fi deeggarsi taasifamafi jiraachuu Komishiniin Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Biyyaaleessa beeksise.

Tibba kana hoggantoonni abba taayita misooma yaa’alee , sodaa balaa biyyaaleessaa, komishinii misooma bishaanii fi naannoo Affaar bakka bu’aan miidhaa balaa lolaa lagni Awaash gutee qaqqabsiise daawwataniiru.

Lagni Awaash bifa hin beekamnen guutee dhangala’uun jiraattotarra miidhaa guddaa qaqqabisiisera.

Yaa’alee miidhaa irra gahee keessa tokkoo godina Shawaa bahaa aanaa Fantaallee qofaatti lammiileen kumni 25 ol buqqa’aniiru.

Hoggantonni hojii kanneen buqqaatoota magaalaa Matahaaraatti argaman iddoo tursiisa yeroo isaanii deeggarsa taasifama jiru daawwataniiru.

Gama biraan ammoo balaa cimaa lagni Awaash qaqqabsiise naannoo Afaar keessa Amiibaar fi aanaa Haruukaa yoo ta’uu, aanichatti lolaan ammallee sodaa hamaa uumeera.

Maddi:-Taajajilaa Oduu Ityoophiyaa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.