Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee guyyaatti yeroo tokkollee nyaata nyaachuu hin dandeenye deeggaruun barbaachisaadha – Aadde Adaanach

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Lammiilee guyyaatti yeroo tokkollee nyaata nyaachuu hin dandeenye nyaachisuuf qaamni hundi deeggarsaa fi tumsa taasiisuun barbaachisaa ta’uu Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Magaalaa Finfinneetti lammiilee daandirraa jiraatanii fi jireenya gadi aanaa keessatti argaman fayyadamoo taasiisuuf sagantaa nyaataa kutaalee magaalaa 5 keessatti hojiirra oolchuuf waliigalteen mallattaa’e.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Hoteeloota Abbaa Urjii 5 garaagaraa, dhaabbilee deeggartootaa fi abbootii qabeenyaa waliin ta’uun lammiilee daandirraa jiraatanii fi jireenya gadi aanaa keessatti argaman nyaata yeroo dhiyeessuuf walgaltee mallatteessara.
Sadarkaa yaaliitti kutaalee magaalaa 5 keessatti giddugala nyaataa ijaaruuf sanadni waliigaltee bakka Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee argamanitti mallattaa’eera.
Qorannoo magaalicha keessatti taasiifameen jiraattoonni hedduun guyyaatti yeroo tokkollee nyaata nyaachuu kan hin dandeenye ta’uu mirkanaa’eera jedhan Aadde Adaanach.
Proojektiin kun lammiilee daandirra jiraatanii fi jireenya gadi aanaa keessatti argaman fayyadamoo taasiisuuf sadarkaa yaaliitti Kutaa magaalaa Araadaa, Qiirqoos, Addis Katamaa, Boolee fi Liddataatti hojiitti kan hiikkamu ta’uu ibsaniiru.
Baasiin ijaarsa Giddugala Nyaataa kutaa magaalaa Addis Katamaa guutummaan guututti Miidirookiin,kan Araadaa Kaampaanii Kominiikeeshinii Ijaarsaa Chaayinaan, kan Qiirqoos waldaa Aksiiyoonii Xalafaa Madihiin Ityoophiyaan, kan Liddataa ammoo Baankii Awwaashiin uwwifama jedhame.
Karoora kana milkeessuuf qaamolee hundi tumsaa fi deeggarsa akka taasiisan gaafachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.