Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuun nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015(FBC)- Lammiilee waraana kaaba biyyattiitti mudatee tureen miidhaman deebisanii dhaabuun nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa qaamolee dhimmamtootaa waliin ta’uun lammiilee waraanaan miidhaman haala deebisanii dhaabuun danda’amurratti magaalaa Baahirdaaritti marii gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa, Ittaanaa Pireezidaantii naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachoo Jambariifi qaamoleen dhimmatootaa biroon argamuu eerameera.

Komishinichi lammiileen wayita waraanaa meeshaa hidhatanii waraanarratti hirmaatan meeshaa isaanii hiikkachiisuun gara jiruufi jireenya idileetti akka deebi’aniif hojii deebisanii dhaabuu kan hojjetu ta’uu Ambaasaaddar Tashoomaan ibsaniiru.

Hojiin deebisanii dhaabuu qabeenya guddaa kan gaafatu waan ta’eef qaamoleen deeggartootaa tumsa barbaachisaa akka taasisan gaafachuu EBCn gabaaseera.

Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aan Ityoophiyaa Kiliiyooppoos Toorooriin, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waraana barii sagantaa bakkeewwan miidhaman deebisanii dhaabuurratti kaayyeffate hojiirra oolchaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantichi akka milkaa’uuf qaamoleen mootummaa, hawaasniifi qaamoleen dhimmamtootaa tumsa akka taasisan gaafataniiru.

Tattaaffii mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuufi bakkeewwan miidhaman deebisanii dhaabuuf taasisu dhaabbatichi deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.