Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraataan maallaqa karaa seera qabeessan akka ergan gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Ityoophiyaannoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa guutuu addunyaarratti argaman magaaloota 25 keessatti hiriira deeggarsaa gaggeessuun haqa Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuu isaanii Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Hiriirri gaggeeffame dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuu fi mootummaa Ummataan filatameef deeggarsa qaban kan muul’ise ta’uu Ministirri Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan ibsa haala yeroo ilaalchisee laataniin himaniiru.

Diyaaspoorawwan qaamoleen biyya diiguuf socho’an gochichaarraa akka of qusatan ergaa dabarsaniiru jedhan.

Lammiileen Ityoophiyaa,dhalattoonni fi michoonni Ityoophiyaa kallattii adda addaan ummattoota Ityoophiyaa deeggaruuf waadaa galuu isaanii kaasaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraataan maallaqa karaa seera qabeessaa fi kallattiin erguun deeggarsa jalqaban itti fufuu akka qaban gaafataniiru.

Mootummaan karaa lammiileen kunneen hirmaannaa taasiisan haala kan mijeessu ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan himaniiru.

Afawarq Iyyaayyuu fi Barnaabaas Tafaayeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.