Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 25 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Lammiieen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa turan kumni 1 fi 25 har’a gara Ityoophiyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee deebi’an keessaa 880 dhiirota, 129 dubartootaa fi 16 daa’imman umriin isaanii 18 gadiiti jedhameera.

Lammilee deebitootaaf deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuun bakka tursiisaa qophaa’eef qubsiifamaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen Ityoophiyaa gara biyyaatti deebifaman kuma 66 fi 561 ga’uu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.